Mooticha Neeppils haarawa, mootummaa ofii isaa ijaaruuf Old Tiraafoordii bahe – Iskoot Maaktominayi

You are currently viewing Mooticha Neeppils haarawa, mootummaa ofii isaa ijaaruuf Old Tiraafoordii bahe – Iskoot Maaktominayi

AMN PLUS- Caamsaa 16, 2017

Kilaba Naappoolii keessatti taphataan murteessaan Waancaa milkeessuu keessatti shoora olaanaa taphatu maqaa masoo ‘Neples King’ jedhamu gonfata.

Diyaagoo Armaandoo Maaraadoonaarraa kaasee taphattoonni muraasni maqaa kabajaa kana argataniiru.

Dires Mertens, Loreenzoo Insinyee, Maarek Hamsik warreen sammuufi onnee deeggartoota Naappoolii keessatti hafani.

Amma mootichi haaraan Neeppiles mul’ateera. ‘The New King of Neples’ Iskoooooooot Maaktoominayi.

Leenjisaan ‘The Special One’ ofiin jedhan Joosee Mooriinihoon taphattoota kennaa addaa qaban dursanii beeku. Waqtii tokko waa’ee Maaktominayi yeroo dubbatan “Inni amala kubbaan miilaa barbaadu qaba. Waan qabu hunda gumaacha” jechuun isa ibsan.

Sababa jijjiirramni leenjistootaa mana Yuunaayitid jeeqaa tureef jecha, Maaktominayi akka jaalala kilabichaaf qabuutti gahumsa isaa hunda duguugee laatuyyuu, boodarra qoollifatamuu itti dhagahamaa dhufe.

Itti cichee uffannaa Maanchister daa’imummaarraa kaasee uffateef kufee ka’ee shaakalasaan cimaa ta’us leenjisaan Eerik Teen Hag carraa gahaa laachaafii hin turre.

Maaktoominayi qe’ee Yuunaayitid keessa waggoota 20f jiraate, umrii ganna 5 kaasee kilabicha waliin dabarse.

Garuu Qe’ee hin barbaadamne guyyaa tokko buluun isaaf qaanii ta’e, inumaa Maanchister Yuunaayitid qaawwa baasiif galii isaarratti uumame sirreessuuf Maaktominayi geggeessuu barbaade.

Maarree kilabni Naappooliis harkasaa miiccatee paawondii miiliyoona 25.7 qofaan gara Neeppilsitti isa fudhate.

Amma Naappoolii waliin waancaawwan gurguddoo 3 milkeesseera. Deeggartootni maqaa isaa tumaa hojjetatu. Kaan mi’ooftuu (Cake) irratti suurasaa kaafatu. Alaabaan suuraaf maqaasaa qabu handaara magaalicha hundarraa mul’ata.

Sababuma taphataa kanaan deeggartoonni Naappoolii biyya Iskootilaandi maqaa waamaa galateeffatan. Ilma akkasii nuuf gumaachuukeef jedhanii faarsan. Warri Neeppils akkasi, Goota isaanii akkaan kabaju.

Kabajni kun akkasumaan hin dhufne. Bara kana qofaa gooliiwwan 12 lakkoofsisuu caalaa, tapha xumura Iskuudeettoo murteessitu irratti goolii ajaayibaa lakkoofsise sammuu deeggartootaa keessaa yoomillee hin baddu.

Bara kana taphattoota Seerii A sarara gidduu taphatan keessaa goolii olaanaa lakkoofsisuun 1ffaadha. Badhaasni Seerii A taphataa cimaa (MVP) baranaas kan isaa ta’e.

Milkiiwwan isaa kanaaf leenjisaa Antooniyoo Konteen shoora olaanaa qabu. Taphataan kun sarara gidduurra hiriirus saanduqa garee faallaatti siqee akka kubbaa eeggatu taasisuun guddina isaaf karra saaquutu himama.

Iskoot Maaktominayi milkaa’ina waggaa jalqabaa fi waa’ee jaalala deeggartootaa horate akkasiin ibse. “Kun abjuudha”….”This is just a dream”

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply