Kaayi Haavertiiz sababa miidhamaan dorgommii baranaan ala ta’uu akka danda’u gabaafame

You are currently viewing Kaayi Haavertiiz sababa miidhamaan dorgommii baranaan ala ta’uu akka danda’u gabaafame

AMN PLUS- Guraandhala 05, 2017

Taphataan sarara fuulduraa kilaba Kaaba Landan Arsenaal Kaayi Haavertiiz wayitii shaakalaa miidhama qaamaa cimaa keessummeessuun gabaafame.

Kaayi Havertis miidhama maashaa isaarra gaheen, bara dorgoommii baranaan ala ta’uu akka danda’u The Atileetiksi gabaasa baaseen ifoomseera.

Kaayi Haavertiiz yaalli baqaqsanii wal’aanuu akka taasifamuuf ifatti beekamuu baatus, bara kana dirreetti deebi’uu akka hin dandeenye mirkanaa’uun himame.

Taphatichi hanqina ga’umsa kubbaa gara galchiitti jijjiiruu agarsiisuun deeggartoota danuun qeeqamus, ga’umsa gaariirratti kan argamuu Arsenaaliif taphataa murteessaa ta’uun ni beekama.

Taphattoota sarara fuulduraa hedduu miidhaamaan kan dhabe Arsenaal Bukaayoo Saakaa fi Gabireel Maartiineel, akkasumas Gabreel Jeesuus hanga ammatti dirreetti deebi’uu akka hindandeenye The Athletic yaadachiiseera.

Miidhamni kunneen morkii kilabichi PL Ingilaandiif Liivarpuul waliin taasisuufi abdii Shaampiyoonsi Liigii jalaa dhiphisuu mala.

Arsenaal yeroo ammaa kana Yuunaayitid Arab Eemireetisitti shaakala taasisaa jiraachuun isaanii ni yaadatama.

Dachaasaa Dhaabiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply