AMN PLUS- Bitootessa 5/2017
Mootummaan Federaalaa waliigaltee Piritooriyaa guutumaa guututti hojii irra oolchuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu isaa Minisirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiwoos (Dr.) ibsaniiru.
Dhimma waqtaawaa Naannoo Tigraayi ilaachisee dippiloomatoota teessoo isaanii Magaalaa Finfinnee taasifataniif ibsi kennameera.
Waltajjicharratti Minsitirri Dhimma Alaa, Pirezidaantiin Bulchiinsa yeroo Naannoo Tigiraay obbo Geetaachoo Raddaa fi dippilomaatotni biyyoota adda addaa irratti hirmaataniiru.

Hojii irra oolmaa waliigalteen Nagaa Piiritooriyaa ilaachisee hanqinni muraasni yoo jiraateyyuu Mootummaan Federaalaa guutummaa guutuutti hojii irra akka ooluuf xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjechaa jiraachuu isaa Geediyoon (Dr.) ibsaniiru.
Dhookaasa dhaabuun waliigaltee Nagaa Piriitooriyaa keessa issa tokko kan jedhan ministirichi Mootummaan Federaalaa haala yeroo amma kana Naannoo Tigraayitti mudate xiyyeeffannoon hordafaa jiraachuu ibsaniiru.

Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Siyaasaa, Nagaa fi Nageenyaa Ambaasaddar Baankoolee Adiwooyoo gama isaaniitiin haalli Naannoo Tigraayii jiru karaa nagaan akka furamu hundumtu qooda fudhachuu qaba jedhaniiru.
Gamtaan Afrikaas rakkoo uumame kana karaa nagaan akka furamuuf gargaarsa barbaachisu akka taasisu ifomsuu isaa TOItu Gabaase.