Mootummaan konkolaattota uummataafi fe’isaa gaazii uumamaa fayyadaman qaraxa irraa bilisa akka galfaman eeyyame

You are currently viewing Mootummaan konkolaattota uummataafi fe’isaa gaazii uumamaa fayyadaman qaraxa irraa bilisa akka galfaman eeyyame

AMN PLUS- Fulbaana 30/2018

Mootummaan har’a irraa kaasee konkolaattota uummataafi fe’isaa gaazii uumamaa fayyadaman qaraxa gumurukaa irraa bilisa akka galfaman eeyyamuu Ministeerri Maallaqaa beeksise.

Ministeerri Maallaqaa xalayaa Komishinii Gumurukaaf barreesseen konkolaattonni beenzilaafi naafxaan hojjetan qajeelfamni kun osoo hin bahin dura akka galfaman dhaabbilee eeyyama argatanii, baatii jaha keessatti kanneen galfamaniin ala gara biyyaatti akka hin galfamne to’annoo cimaa akka taasifamus kallattii kenneera.

Itoophiyaan kuufama gaazii uumamaa olaanaa qabaattus barootaaf osoo itti hin fayyadamiin turuu Ministeerichi ibsa AMN Dijitaaliif ergeen himeera.

Gaazii uumamaa kana hojiirra oolchuuf tattaaffii cimaa mootummaan taasiseen Warshaan Gaazii uumamaa eebifamuun oomisha eegaluu ibseera.

Oomishaalee kanneen gabaa biyya keessaaf dhiyeessuun Konkolaattota Gaazii uumamaa fayyadaman babal’isuun barbaachisaa ta’uu eereera.

Sharafa alaa boba’aaf bahu hir’isuuf jecha mootummaan itti fayyadama gaazii uumamaa jajjabeesuuf murteesseera jedhe.

Konkolaattonni Gaazii Uumamaa fayyadaman aarri baasan konkolaattota boba’aa dhangala’aa beenzilaafi naafxaa fayyadaman aara baasan irraa harka baay’ee xiqqaa akka ta’e eerame.

Haaluma kanaan guyyaa qajeelfamni kun bahee eegalee Konkolaattoonni gaazii uumamaa fayyadaman kamiiyyuu Qaraxa Gumrukaarraa bilisaan akka galan eeyyamamuu ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply