Mootummaan Naannoo Oromiyaa raawwii hojii kurmaana 3ffaa qorachuu eegale

You are currently viewing Mootummaan Naannoo Oromiyaa raawwii hojii kurmaana 3ffaa qorachuu eegale

AMN PLUS- Ebla 14/2017

Mootummaan Naannoo Oromiyaa raawwii hojii Mootummaa fi Paartii kurmaana 3ffaa Adaamaa, Galma Abbaa Gadaatti qorachuu eegaleera.

Qorannaan kun raawwii hojiilee gurguddoo ji’oota 9fi kallattii qophii karoora bara 2018 irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, gabaasni raawwii hojiilee gurguddoo mootummaa fi Paartii dhiyaachuun mariin bal’aan irratti ni taasifama.

Waltajjii kanaan kallattiin ciminaalee mul’atan caalmaatti itti fufsiisu, hudhaalee hojii keessatti mul’ataniifi hanqinaalee adda ba’an maksuun akka kaa’amu Biiroo Koominikeeshinii Oromiyaarraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply