Mootummaan naannoo Oromiyaa Tiraaktaroota Meeshaalee guutuu waliin Qonnaan bultootaf dabarseera

You are currently viewing Mootummaan naannoo Oromiyaa Tiraaktaroota Meeshaalee guutuu waliin Qonnaan bultootaf dabarseera

AMN PLUS- Bitootessa 29/2017

Mootummaan Naannoo Oromiyaa oomishaaf oomishtummaa qonna naannichaa guddisuuf xiyyeeffannaa olaanaan hojjechaa jira.

Kana caalmatti milkeessuufis qonna Naannichaa ammayyeessuun makaanayzeeshiniin qonnaan deeggaramuufi galtee oomisha qonnaa irratti xiyyeeffachuun oomishaafi oomishtummaa qonnaa dabaluuf hojjetamaa jir.

Guyyaa har’aa Godina Arsii Magaalaa Shashamanneetti Tiraaktaroonni kuma 1 fi dhibba 402 bakka hooggansi olanoon argamanitti qonnaan bulaaf dhaabbata “keenyaa” itti dabarfamee kennamaa jira.

Dhaabbanni keenyaa hundeeffama irraa eegalee maashinaroota qonnaa gara garaa dhiheessuun oomishaaf oomishtummaan qonnaa dhugoomsuuf hojjechaa kan jiru yoo ta’u, guyyaa har’aas Tiraaktaroonni kun qonnaan bultoota, waldaalee IMX, yuniyanootaafi waldaalee bu’uuraaf dabarfamanii kennamuu Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa irraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply