AMN PLUS- Sadaasa 10/ 2018
Mootummaan rakkoo dhiyeessi manaa jireenyaa lammiilee furuuf karaa innisheetivii mootummaafi abbootii qabeenyaatiin fayyadamaa taasisaa akka jiru ibsame.
Baadiyyaa fi magaalaa keessatti manneen jireenyaa heddumminaan ijaaruun rakkoo dhiyeessii mana jireenyaa furamaa akka jirus ibsameera.
Mootummaan abbootii qabeenyaa dhuunfaa hirmaachisuun fedhii uummataa gama dhiyeessii mana jireenyaatiin yeroo gara yerootti dabalaa dhufe furuuf hojiileen hedduun akka hojjetames eerameera.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Hosa’aanaa Obbo Saamu’eel Shugguxee akka ibsanitti, manneen ijaaruun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa waldaalee gurmeessuun karaa qusannootiin liqii mijeessuun, lafa dhuunfaaf hayyama seera qabeessa kennuu dabalatee karaa adda addaatiin manneen hawaasaaf dhaqqabamaa taasisaa jiraachuus hubachiisaniiru.
Weerara lafa seeraan alaa to’achuu fi hordoffii barbaachisaa ta’e gaggeessuun lafti haala haqa qabeessa ta’een hawaasaaf dhaqqabamaa akka tahuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus dubbataniiru.
Bulchiinsi Magaalaa Hosa’aanaa abbootii qabeenyaa damee misooma manneenii irratti misoomsuu barbaadaniif waamicha dhiyeessaa jiraachuu beeksisuun, kanaafis haala mijataa qopheessuu isaa odeeffannoon Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa irraa arganne ni mul’isa.