Morkii Liigii Awurooppaan Maachiister Yuunaayitid Walakkaa xumuraaf darbe.

You are currently viewing Morkii Liigii Awurooppaan Maachiister Yuunaayitid Walakkaa xumuraaf darbe.

AMN PLUS – Ebla 10/2017

Tapha eegamaa nuusa xumuraa liigii Awurooppaan dirreesaa olditiraafordi irratti kilaba Firaansi Olompik Liyoon waliin kan taphate Yuunaayitid falmii daqiiqaa 120 booda waliigalaan goolii 5 fi 4’n injifachuun walakkaa xumuraaf gaheera.

Tapha goolii hedduu keessummeesse kanaan Maanchister Yuunaayitid tapha boqonnaa duraa 2 fi 0’n dursuu danda’us gooliiwwan 2 boqonnaa booda keessummeesseen taphichi daqiiqaa dabalataatti ce’uuf dirqameera.

Daqiiqaa 89ffaarraatti Tolisoo kaardii keelloo lamaan kan dhaban warri Liyoon daqiiqaa dabalataa 104ffaa fi 109ffaarratti goolii lakkoofsisuu danda’anii turan.

Daqiiqaa 114ffaarratti Birunoo Fernaandeez rukuttaa peenaaliitiin goolii lakkoofsiseera.

Koobiy Miyano daqiqaa dhumaa 120ffaarratti goolii qixxeessituu Yuunaayitidiif erga lakkoofsiseen booda Maaguweer daqiiqaa dabalataa 121ffaarratti goolii walakkaa xumuraaf gahuu Yunaayitid dhugoomsite lakkoofsiseera.

Gooliin Aarii Maaguweer seenaa liigii Awurooppaan goolii injifannoo daqiiqaa 120ffaarratti galmoofte ishee jalqabaa ta’uun galmaa’uu dandeesseetti.

Maanchister Yuunaayitid erga bara Awurooppaanotaa 1958 Arsenaaliin garaagarummaa goolii akkanaan injifatee as kilabichaaf kun kan jalqabaati.

Taphoota dorgommii gurguddoo sadarkaa ardii Awurooppaanis tapha daqiiqaa dabalataatti gooliin hedduun itti galmaa’e kan jalqabaa ta’uu danda’eera.

Taphoota nuusa xumuraa biroon kilabni Ingilizii Totenhaam Hotispa kilaba Jarman Ayintiraa Firaankifarti bu’aa tapha dhaqaa galaa 2 fi 1’n mo’achuun walakkaa xumuraaf gaheera.

Haaluma wal fakkaatuun Atileetiikoo Biilbaawoon Reenjers bu’aa waliigalaa 2 fi 0’n mo’achuun morkii walakkaaf darbeera.

Muktaar Abdallaan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply