Taphni waanca eegaamaa istaadiyeemii Wembiley irratti taphatamu maatii ispoortiin xiyyeeffannoon eegama.
Morkii har’a galgala sa’aatii 12:30tii eegaluun kilaboota lamaan gidduutti taphatamu kanaan waancaa malee bara dorgommichaa xumuraa kan jiru garee Peeppi Guwaardiyoolaa Siitiif hiika guddaa qaba.
Seenaa isaanii waggoota 119 keessatti yeroo lama:bara Awurooppaanota 1990 fi 2016 morkii xumuraaf gahanii Maanchister Yuunaatidiin waancicha kan dhaban garee Oliver Lasiner Kiristaal Paalaasiif ammoo taphicha injifachuun seenaa haaraa galmeessuun dabalata morkii liigii Awurooppaa bara dhufuurratti yeroo jalqabaaf akka hirmaataniif carraa isaaniif uuma.
Bara Awurooppaanota 2023’tti kilaba morkataa isaa Yuunaayitid injifachuun waancaa FA kan kaase Siitiin tapha har’aan Kiristaal Paalaas mo’annaan seena isaan waancaa FA Ingilaandi yeroo 8ffaaf kan injifatu ta’a.
Muktaar Abdallaan