AMN Plus- Onkoloolessa 10/2018
Waancaa Addunyaa Umrii 20 gadiin Morookoon Arjeentiinaa 2-0’n injifachuun Shaampiyoonaa taate.
Waancaa Chiiliin qopheessite kanaan Morookoon Firaansiin injifachuun xumuraaf ga’uunshee ni yaadatama.
Tapha xumuraa kanaan gooliiwwan injifannoo lameen Yaasir Zabiiriitu lakkoofsise.
Zabiiriin dorgommichaan goolii olaanaa 5 lakkoofsisee badhaafamaa kophee warqee ta’eera.
Morookoon Gaanaatti aantee biyya 2ffaa waancaa addunyaa Umrii 20 gadii injifatte taateetti.
Tagany Bafiqaaduutiin