Itti gaafatamaan Waajjira Paartii badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee Obbo Mogos Baalchaa Yaa’ii barnootaa 32ffaa irratti ergaa dabarsaniin, “Abjuufi mul’atni keenya Itoophiyaa Kallattii hundaan badhaate dhaloota dhaalchisudha” jedhan.
Obbo Mogos, hojiiwwan Itoophiyaan akka badhaatuuf hojjatamaa jiran sadarkaa barbaadametti ceesisuuf barnoonni bu’uura akka ta’e ibsaniiru.
Bulchiinsi Magaalichaa Jijjiirama seena qabeeyyii akka biyyaatti dhufaa jiran keessatti gumaacha Olaanaa taasisaa jiraachuu kan himan Itti gaafatamaan Waajjira Paartii badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee kun tumsaafi hordoffii taasifameen bu’aan damee barnootaatiin argame ol aanaa ta’uu dubbataniiru.
Obbo Mogos Jijjiirama qabatamaa damee barnootaatiin argame keessatti qooda fudhattootni gumaacha taasisuu isaanii himuun, bu’aa argame itti fufsiisuun Itoophiyaa Kallattii hundaan badhaate dhaloota dhaalchisuuf tumsa hundumaa akka barbaachisu yaadachiisaniiru.
Namoomsaa Baalliitu gabaase