Murtee Doonaald Tiraamp Ameerikaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa baasuuf murteessan hordofuun Keeniyaan rakkoo fayyaa hatattamaa mudatu qolachuuf qophii jalqabuu ishee beeksifte

You are currently viewing Murtee Doonaald Tiraamp Ameerikaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa baasuuf murteessan hordofuun Keeniyaan rakkoo fayyaa hatattamaa mudatu qolachuuf qophii jalqabuu ishee beeksifte

AMN PLUS- Amajjii 21/2017

Murtee Doonaald Tiraamp Ameerikaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa baasuuf murteessan hordofuun Keeniyaan rakkoo fayyaa hatattamaa mudatu qolachuuf qophii jalqabuu ishee beeksifteetti.

Torban darbe guyyaa jalqabaa aangoo isaanii, Amajjii 12/2017, Doonaald Tiraamp ajaja gargaarsa biyya alaa hunda guyyoota 90’f akka dhorkamu mallatteessaniiru.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa akka baatu murtoo dabarsuu isaanii hordofuun mootummaan Keeniyaa karaa Ministeera Fayyaa isheetiin sagantaan wal’aansaa fi ittisa HIV/AIDS akka hin jeeqamne ummata isheetiif mirkaneessitee jirti.

Daarektarri Olaanaa Fayyaa Dr. Paatriik Amoots har’a Amajjii 21, 2017 ibsa miidiyaaf kennaniin, Pirezidaantichi murtee isaaniitti waan cichan yoo ta’e, rakkoo kana damdamachuuf abbooti qabeenyaa fi michoota misoomaa waliin ta’uun qorichi biyya keessaatti akka oomishuuf akka hojjetamu dubbataniiru.

Namoota HIV’n qabamaniif qorichi lubbuu baraaruu itti fufiinsa akka argatan, Ministeerichi tumsa naannoo fi malawwan faayinaansii fayyaa cimsaa jiraachuu isaa Dr. Amoots ibsaniiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka beeksisetti, “sagantaa HIV’f maallaqa kennuu dhaabuun namoota HIV waliin jiraatan balaa dhukkubaa fi du’a hatattamaa keessa galcha, hawaasaa fi biyyoota keessatti daddarbiinsa ittisuuf tattaaffii godhamu ni miidha”,jedhamuusaa K24 Digitaal, ministeera fayyaa biyyattii waabefachuun gabaasera.

Tolasaa Mabraateetu qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply