Naannawaa baandaafi alagaan heddummatetti gahumsi waraanaa dirqama- MM Abiyyi Ahimad (Dr)

You are currently viewing Naannawaa baandaafi alagaan heddummatetti gahumsi waraanaa dirqama- MM Abiyyi Ahimad (Dr)

AMN PLUS- Hagayya 29/2017

Itoophiyaan naannawaa baandaafi alagaan heddummate kanatti gahumsa waraanaa ishee guddisuun dirqama ta’uu Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr) himan.

Dooktar Abiyyi Warshaa oomisha dirooniiwwan waraanaa AEROABAY erga daawwatanii booda yaada kennaniin, Imala Badhaadhinaa Itoophiyaa eeguuf teekinooloojiwwan waraanaa kanneen hidhachuun dirqama ta’uu eeran.

Waggoota muraasa dura meeshaalee kanneen bittaadhaan hidhachuun cimaa turuu kan yaadachiisan Dr. Abiyyi, amma humna keessootiin, INSA fi Humna Qilleensaatiin oomishamaa akka jiran himan. Taateen birmadummaa biyyaa qoru yeroo mudatu teekinooloojiin kunneen akka fayyadaaf oolan ibsan.

Dameelee qonnaa, albuudaafi misooma biroon bu’aalee argaman, naannawa baandaafi alagaan heddummatetti eegsisuuf gahumsa akkasii qabaachuun barbaachisaa ta’uusaas Dr. Abiyyi eeraniiru.

Itoophiyaan biyya baay’ina uummataan addunyaarraa 10ffaa taate, hiyyumni ishee hin madaalu kan jedhan Dr. Abiyyi, qaamolee xixiqqoo waliin taphachuunis ishee hin madaalu jedhaniiru.

Teekinooloojiin misooma hunda galeessa keenyaaf barbaachisaa waan ta’eef hojiin ammaa kun milkii ajaa’ibsiisaa kan ittiin argame ta’uullee eeraniiru.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply