AMN Sadaasa 05/2017
Naannoon bu’aa jijjiramaa fi sirna federaalizimii dhugaan hundaa’e Naannoon Kibba Itoophiyaa Guyyaa Saboota, Sablammoota fi Uummattootaa Marsaa 19ffaa keessummeessuuf qophii gahaa taasisaa jiraaxhuu Pirezidaantiin Naannichaa obbo Xihaalun Kabbadaa himan.
Magaalaan Arbaaminci Ayyaanicha keessummeessuuf Qophii gahaa taasisaa jiraachuu ibsa miidiyaaleef kennan eeraniiru.
Guyyaan kun Naannichaatti Kabajamuun qabeenya Uumamaa naannichi qabu beeksisuuf, seeneffamaa waloo cimsuu keessatti, sabootni sablammoonni naannichaa Itoophiyaa badhaate ijaaruu keessatti qooda isaanii akka bahanii fi fayyadamummaa haqa qabeessa mirkaaneessuuf iddoo guddaa kan qabu ta’uu obbo Xihaalun ibsaniiru.
Hariiroon Obbolummaa gama aadaa, duudhaa, seenaa, afaaniin jiruu akka jabaatuuf qooda guddaa kan qabu ta’uu himaniiru.
Wantoota addaan nu fageessan dhiisnee wantoonni walitti nu fidan irratti xiyyeeffachuun bu’awwan arganne kunuunfachaa kan dhabnee immoo irratti marii’achaa imala Itoophiyaa badhaate ijaaruuf eegalamee milkeesuu keessatti shooraa keenya bahuu qabna jechuun dhamaniiru.
Mangashaa Daargeetu Gabaase