Naannoon Somaalee damee turizimiin carraa dabalataa fidaa jira- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Naannoon Somaalee damee turizimiin carraa dabalataa fidaa jira- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN Plus- Fulbaana 21/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti hojiilee misoomaa garagaraa daawwataniiru.

Magaalaan Jigjigaa har’a daawwanne kan Baatii Amajjii darbe daawwanneerraa waa hedduun jijjiiramteetti jedhan.

Guutuu magaalattiitti manneen jireenyaa haaraan hedduun ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, piroojektoonni misooma Koriidarii naannawaa hundatti haala jireenyaa ifatti fooyyessaa jiru jedhan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanin dabarsaniin.

Magaalota wayita ammayyeessinu har’a qofaaf osoo hin taane egereef bu’uura kaa’uu ta’uu hubatamuu qaba.

Haala kanaan naannoon Somaalee carraalee Turizimii haaraa banaa jirti.

Piroojektiin Maaddiin biyyaaf xumuramaa jirus Baha biyyattiif gatii haaraa dabaluuf carraa bana jedhan.

Waliigalaan hojiileen daawwanne guddina magaalaa Jigjigaa fi guutuu naannawichaatti si’oominnni jiraachuu kan agarsiisu ta’uu dubbatan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply