Nagaa eeguu fi kunuunsuun itti gaafatamummaa lammii hundaati- Kantiibaa Adaanach Abeebee

You are currently viewing Nagaa eeguu fi kunuunsuun itti gaafatamummaa lammii hundaati- Kantiibaa Adaanach Abeebee

‎AMN PLUS – Hagayya 26/2017

‎Nagaa eeguu fi kununsuun itti gaafatamummaa lammii hundaa ta’uu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.

‎Miseensonni raayyaa nageenyaa barnoota daree fi leenjii dirree fudhataa turan eebbifamaniiru.

‎”Sagantaa kanaan miseensota nageenyaa ummata keessaa filuun nageenyi magaalaa qaama badii kamiinuu gufachuu akka hin dandeenye taasifneerra” jedhan kantiibaan Adaanech Abeebee.

‎Miseensota nageenya har’a eebbifaman dabalatee miseensonni kuma 200 fi kumaa 75 ta’an hojiitti seenun, ijaarsa nagaa, jijjiirama dinagdee ariifataa, fi sochii hawaasummaa keessatti taasisaniif gumaachi isaanii guddaa akka ta’es ibsniiru.

‎Miseensonni nageenyaa humna, beekumsaa fi yeroo isaanii bilisaan kennaa kan jiran yoo ta’u, qaamolee nageenyaa biroo waliin qindoominaan hojjechuu fi duudhaalee ummataa eegsisuun hojii tola ooltummaa isaanii cimsuun akka itti fufaniif kantiibaan Adaanach Abeebee amantaa guddaa irra kaa’aniiru.

‎Magaalaan Finfinnee Gamtaa Afrikaa dabalatee teessoo dhaabbilee idil-addunyaa adda addaa kan of keessaa qabdu magaalaa dippilomaasii ta’uu yaadachiisaniiru.

‎Magaalaa Finfinnee walgahii idil-addunyaa fi konfiraansiif filatamtuu waan taatetti keessummoota dhufan jaalalaan keessummeessuuf itti gaafatamummaa isaanii akka bahan qaamolee nageenyaa kanarra imaanaa kaa’uu isaanii ibsaniiru.

‎Guyyoota itti aanan kanattis konfiraansiin idil-addunyaa hedduun magaalaa Finfinneetti waan adeemsifamuuf milkaa’ina isheetiifis itti gaafatamummaa fudhachuun ciminaa fi naamusaan tajaajiluun nama hundarraa akka eegamu hubachiisaniiru.

‎Ummanni Magaalaa Finfinnee yeroo hundaa nagaa waan eeguuf miseensonni nageenyaa har’a eebbifamanis ummata isaanii nagaa jaallatu waliin dhaabbachuun baandaawwan nagaa magaalatti hin barbaanneef carraa akka hin kennine itti gaafatamummaa isaanii akka bahan yaadachiisuu isaanii odeeffannoon waajjira kantiibaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply