Nageenya Magaalaa Finfinnee waaressuun lammiileen yaaddoo tokko malee keessa akka jiraataniif xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa Jirachuu isaa Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa ibsan.
Biiroon Bulchiinsa Nageenyaaf Tasgabbii Magaalaa Finfinnee raayyaa nageenyaa marsaa 4ffaaf filatamaniif leenjii dandeetti raawwachiisummaa cimsuu guyyoota 10’f turu eegalchiisera.
Marsaa kanàaf kutaalee magaalattii hunda irraa namoonni kuma 11 ol filataman leenjii dandeettii raawwachiisummaa fi tooftaa loltummaa fudhachuun miseensa raayyaa nageenyaa ta’anii bobba’an kallattii hojii fudhachuun hawaasa kan tajàajilan ta’uun ibsameera.