Nageenya mirkaneessuuf guyyaatti dabaree sadiin hojjamaa jira- Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Finfinnee

You are currently viewing Nageenya mirkaneessuuf guyyaatti dabaree sadiin hojjamaa jira- Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Finfinnee

‎AMN PLUS Sadaasa 06/2018

‎Nageenya waaraa fiduuf olaantummaa seeraa mirkaneessuuf Uummataa fi qooda fudhattoota waliin hojjachuun akka barbaachisaa ta’e Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee beeksise.

‎Saamicha magaalaa keessatti raawwatamu ittisuuf qaamolee nageenyaafi ummata waliin qindoominaan hojjachuun barbaachisa akka ta’e Hogganaan Itti Aanaa Biiroo kanaa Obbo Fissahaa Xibabuu ibsaniiru

‎Manneen barnootaa fi manneen amantaa dawoo godhachuun miidiyaa hawaasatti dhimma bahuun nagaa fi tasgabbii Magaalichaa kanneen jeeqan irratti tarkaanfiin akka fudhatamus kaasaniiru.

“‎Daldala keessatti burjaajjii uumuun kanneen uummata saamaa jiranii fi uffata dambii qaamolee nageenyaa uffachuun saamicha irratti warra bobba’an heeruu uummataa fi hordoffii taasisuun seeraaf dhiheessuun cimee itti fufuu qabas” jedhaniiru.

‎Nageenya mirkaneessuuf hawaasa wajjin qindoomuun guyyaatti dabaree sadiin akka hojjachaa jiran Obbo Fissahaan dubbataniiru.

‎Bara kana jalqaba irraa kaasee Ayyaanota Uummataa kabajuu fi waltajjiiwwan idil-adunyaa Finfinneetti adeemsifamaa turan milkaa’inaan akka xumuramaniif gumaacha taasisaniif qaamolee nageenyaa galateeffataniiru.

‎Bayyanaa Taaddasaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply