Geejjibni Gaarii, fardaan akka geggeeffamu biyya keenyatti amaleeffatamaadha. Kan Biskileetii ammoo biyyootni Eeshiyaa bal’inaan dhimma itti ba’u.
Tibbana dargaggoo Naahoom Derrese daandiiwwan Biskileetii Finfinneerratti tajaajila kana eegalchiisuunsaa ija namoota hedduu harkiseera.
Dargaggoo Naahoom AMN waliin turtii taasiseen, Finfinneetti Misoomni Kooriidarii hojjetame konkolaataafis namaafis, biskileetaafis haala mijataa uumuusaa yeroo argu hojiin kun sammuusaatti dhufuu hima.
Jalqaba tajaajila gaarii ammayyaa (Saragallaa) kana miidiyaalee hawaasummaarraa arge. San booda biskileetiin kan harkisu ofiisaaf hojjete.
Galgala naannoo sa’aatii 11:00 yeroo geejjibni dhiphatu hojiif ba’a. Ofiis ittiin bashannanaa, namnis yeroo barbaadus bakkaa bakkatti geejjiba. Gam tokkoon ispoortiidha, gama ka’aniimmoo galiidha.
Saragallaan biskileetii haaraa ta’uun kan wal qabatee namootni yaroo tokko tokko ni sodaatu kan jedhe Naahoom “yeroo duubakoon taa’an akka waan humna koo fixaa jiraniitti yaadda’u” jedheera.
Garuu daandiin mijataafi dalga waan ta’eef humna addaa isa gaafatu akka hin jirre ibseera.
Daandii biskileetiirratti ibsan tiraafiikaa waan hin dhaabneef imaltoota dafee bakka barbaadaniin ga’a. Namoonni hedduun ammoo suuraa fi viidiyoodhaaf barbaadu.
Tajaajilli saragallaa biskileetii namoonni hedduun fayyadamuudhaaf fedhii qabaachaa dhufaniiru. Kutaalee biyyattii Misooma Kooriidariin Daandii Biskileetii mijataa qabanitti baballisuun akka danda’amu AMNtti himeera.
Tagany Bafiqaaduutiin