Torbee 32ffaa Pirimeerliigii Ingilaandin dirree isaa Sent Jaamsi Paark irratti Maanchistar Yuunaayitid kan keessummeesse Niwukaastil Yuunayitid goolii 4 fi 1 injifate.
Niwukaastil Yuunaayitid injifachuu qofaa miti, dirree keessatti kubbaa qabatee taphachuunis caalmaa fudhachuun olaantummaa agarsiisee kan moo’ate.Shaampiyoonaan waancaa Kaaraabaawoo Niwukaastil Yuunaayitid injifachuu hordofee qabxii isaa gara 56 tti guddisuun sadarkaa 4ffaa Maanchistar Siitii irraa fudhateera.
Galchii injifannoo Niwkaastiliif kan lakkoofsise Burn Toonaalii fi Buruunoo Gomaareesh.
Alenjaandiroo Gaarnaachon ammoo galchii tokkotti Yuunaayitid injifannoo jalaa hin baraarre lakkoofsise.
Misikkir Alamaayyootiin