AMN PLUS- Onkoloolessa 19/2018
Obomboleettiin Sa’aatii Tokkotti Kiiloo Meetira 209 kaatu Jamaayikaa irraa ka’uun Kuubaa ga’uun isaa ibsameera.
Obomboleettii rooba cimaa makate kanaan lubbuun namoota 3 darbeera jedhame.
Obomboleettiin Meeliisaa jedhamu kun baatii faranjootaa kana gara jalqabaa qarqara galaanaa Afrikaa Lixaa irraa ka’uun gara galaana Kaaribiyaanii Kibbaatti kan deeme yoo ta’u, kaleessa Jamaayikaa, har’a ammoo Kuubaa ga’uun isaa BBC’n gabaaseera.
Obomboleettiin hagas hammaatu Jamaayikaa quunnamee akka hin beekne ibsameera.
Balaa uumamaa Kanaan manneen hedduu, hospitaalotniifi bu’uuraaleen misoomaa hedduu manca’uu isaanii anga’ootni biyyattii beeksisaniiru.
Kuubaatti lammiileen Miliyoona walakkaa caalan eeggannoof jecha akka naannoo isaanii gadhiisanii bakka biraa qubatan taasifameera.
Obomboleettiin Meeliisaa saffisa olaanaan kaataa jiru kun gara Bahaamaasifi Odola Beermudaatti imalus gabaasileen ni agarsiisu.
Malkaamuu Abbabaatiin