Ogeeyyiin Kominikeeshinii biyya tokkummaa sabdanessaan cimte ijaaruu keessatti gaheen qaban Olaanaadha – Biqilaa Hurrisaa (Dr.)

You are currently viewing Ogeeyyiin Kominikeeshinii biyya tokkummaa sabdanessaan cimte ijaaruu keessatti gaheen qaban Olaanaadha – Biqilaa Hurrisaa (Dr.)

AMN – Bitootessa 30/2017

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Hoggantootaafi Ogeeyyii caasaalee Kominikeeshinii Mootummaa magaalootaafi naannooleef leenjii kennaa jira.

Leenjichi mata duree ‘Kominikeeshinii kaayyorratti xiyyeeffate guddina Itoophiyaaf’ jedhuun kennamaa jira.

Leenjicharratti Biqilaa Hurrisaa (Dr.) barreeffama mata duree ‘Ijaarsa Seneessa waloofi gahee ogeeyyii kominikeeshinii’ jedhu kan dhiheessan yoo tahu, ogeeyyiin kominikeeshinii ummata gidduutti walitti dhufeenya uumuufi duudhaalee waloomaa guddisuun biyya tokkummaa sabdanessuummaa ishee cimte ijaaruu keessatti gaheen qaban olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Kominikeeshiniin kaayyorratti xiyyeeffate guddina Itoophiyaa himuun xiyyeeffannoo caasaa kominikeeshinii ta’uu akka qabu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaan himaniiru.

Caasaan kominikeeshinii filannoowwan miidiyaa fi qunnamtii hunda fayyadamuun seenessa waloo biyyaalessaa ijaaruu,Imaammata Mootummaa fi tarsiimoo beeksisuun gahee isaa akka bahatu hubachiisuusaanii Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaarraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply