
AMN – Onkololeessa 28/2017
Yaa’iin “World Without Hunger” /Addunyaa Beelarraa Bilisaa/ magaalaa Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adawaatti haala gaariin geggeeffame kan xumuramuu isaa Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.
Yaaddannoon Injifannoo Adawaa guyyaa eebbifame irraa eegalee wal-gahiilee fi konfarnsiilee Afrikaa fi idil-addunyaa akkanaa guguddaa keessummeessuun magaalaa Finfinnee giddu-galaa koonfarnsii fi hawwataa taasisuun gahee guddaa taphachuu irratti kan argamu ta’uus himan.

Finfinnee giddu-gala Tuurizimii, Konfaransii akkasumas hawwataa taasisuuf hojiiwwan hojjenneen bu’aa buusanii konfaransiilee guguddaa Afrikaa fi Idil-addunyaa keessummeessuu eegaluu keenyatti gammadnee jirra jedhan kantiibaa Adaanech ergaa gama marsaa hawaasaa isaaniitiin dabarsaniin.
Jabaannee wayta hojjennu deebisee harka baay’ee akka nuuf kanfalu kuni mul’istuu tokkoodha jechuunis eerani.
Konfaransiileen kunneen magaalaa Finfinneetti akka adeemsifaman kan karoorsan, kan hojjetanii fi qaamolee keessummeessan hundas maqaa bulchiinsa magaalichaatiin galateeffataniiru.