Oromiyaan qonna ceesisuuf hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa jira- Obbo Addisuu

You are currently viewing Oromiyaan qonna ceesisuuf hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa jira- Obbo Addisuu

AMN PLUS- Fulbaana 12/2018

Biiroon Misooma Jallisiifi Horsisee Bulaa Oromiyaa Warshaa Mootoraa Jabduu waliin ta’uun paampiiwwan bishaanii kuma 26 ol fayyadamtootaaf dabarsee kenneera.

Saganticharratti Ministira Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaa, Hoogganaa Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiise Bulaa Oromiyaa Injiner Girmaa Raggaasaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Obbo Addisuu Araggaan sagantaa kanarratti haasawa taasisaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa qoonna ceesisuuf hojii fakkeenyummaa gaarii qabu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojii qonna ceesisuuf hojjetamaa jiruun, qonna hirkattummaa jalaa baasuuf carraa bishaanii qabu hunda fayyadamuun, lafa qotamee hin beekne qotuufi maakaanayizashiinii qonnaa fayyadamuun qonnaa ammayyeessuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’aa guddaa argamsiisaa jira jedhan.

Bonaafi Ganna oomishuun aadeffamuun oomishaafi oomishtummaa dabaluun jiruufi jireenya qonnaan bulaa jijjiiruuf hojiin hojjetamaa jiru abdachiisaa ta’uus kaasaniiru.

Hoogganaan Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiise Bulaa Oromiyaa Injiner Girmaa Raggaasaan gamasaaniin, Oromiyaan qabeenya dilbii lafa jalaafi irra keessaan badhaatuu taatus barootaaf xiyyeeffannoo dhabuun qonni naannoo keenyaa hirkattummaa rooba jalaa ba’uu hin dandeenye jedhan.

Jijjiiramaa asitti riiformii taasisfameen, hooggansi jijjiiramaa, wabii nyaataa mirkaneessuu, carraa hojii bal’aa uumuu, oomisha biyya alaatii galaa ture kan biyya keessaan bakka buusuufi al-ergii guddisuuf hojii hojjeteen bu’aan guddaan argamuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa odeeffannoo AMN Digital’f ergeen beeksiseera.

Bara 2013 dura paampiwwan kumni 3 qofti kennamaa turuu yaadachiisanii, yeroo ammaa paampiiwwan kuma 85 olitti guddisuun uwwisa jallisii naannichaa gara %40’ tti ol guddisuun danda’amuu ibsuusaaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply