AMN PLUS- Mudde 25/2017
Pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahimud waliin marii milkaa’ina qabu kan taasise jilli kun ergaa Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahimad irraa ergames Pirezidaantii Somaaliyaaf kenneera.
Biyyoonni lamaan naannichatti nagaafi tasgabbii mirkaneessuuf waloon kan hojjetan ta’uus ibsaniiru.
Itoophiyaafi Somaaliyaan ergama ‘AUSSOM’ bu’a qabeesssa gochuuf qindoominaan hojjechuufis walii galaniiru.
Hariiroo biyyoota lamaanii daran cimsuuf hoggantoonni olaanoo Somaaliyaa Finfinnee daawwachuun muuxannoo qooddachuuf walii galuusaanii Ministeera Dhimma Alaarraa odeeffanne.