Sadarkaa Itti Aanaa Pirezedaantiitti Qindeessaan Kilaastara Baadiyaa Obbo Addisuu Araggaa ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin Naannoo Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif qophii cimaan taasifamaa jira jedhan.
Bara kana buufatalee biqiltuu kuma 29 fi 355 keessatti biqiltuuwwan bosonaa, kuduraa fi muduraa akkasumas biqiltuuwwan miidhaginaaf oolan dhaabamanii kumuunfamaa jiru.
Uwwisni Bosona Naannoo Oromiyaa waggoota
5 dura heektaara miiliyoona 9.9 ture yeroo ammaa tilmaama inventarii duraatiin heektaara mil 11.01 tti guddateera jedhan.