Paartiileen siyaasaa nageenyaafi misooma waaraa mirkaneessuuf tumsuun akka irraa eegamu ibsame.
Manni Maree waloo Paartilee Morkattoottaa Naannoo Oromiyaa
yaa’ii walii galaasaa taa’eera.
Yaa’icharratti kan argaman Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti gaafatamaan siyaasaa obbo Namarraa Bulii karaa sirrii qabannee jirru irratti karaa sirrii daballee biyya jabduu ijaaruuf hojjechuun murteessaadha jedhan.
Walitti qabaan mana marii paartiilee siyaasaa feederalaa Obbo Salamoon Ayyalaa gama isaaniin paartiileen siyaasaa nageenyaafi misooma waaraa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu himan.
Kanaafis Paartiilee siyaasaa Itoophiyaa nageenyi waaraan akka jiraatu utubuun, hojiilee misoomaa hojjetaman deeggaruufi maree biyyaalessaa milkeessuun irraa eegama jedhan.
Rakkoolee siyaasaafi kanneen biroo mariin akka hiikaman tumsi eegalames cimee itti fufuu qaba jechuusaanii BKO irraa odeeffanne.