AMN PLUS, Guraandhala 13, 2017
Murtoowaniifi kalatiiwwan Paartii Badhaadhinaa ilaalchisuun mariin hawwaasaa Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti gageefamaa jira.
Waltajicha irratti argamuun ergaa kan dabarsan Hogganaan damee Siyaasaafi Ijaarsa dandeettii Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee obbo Alamaayyoo Ijjiguu, paartiin Badhaadhinaa gama hundaan hojiilee jireenya lammiilee fooyyessaniifi biyya ceesisuu danda’an garaa garaa hojjechaa jiraachuu himan.

Bu’aan barbaadamu dhufuu kan danda’u tumsa uummataan waan ta’eef hawaasni gahee isaa ba’achuu akka itti fufu dhaaman.
Waltajicha irratti barreeffama Marii kan dhiheessan Hoggantuun Biiroo Komunikeeshinii magaalaa Finfinnee Aadde Innaatalem Mallasaa ijaarsa sirna Diimookiraasii fi guddina biyyaaf gaheen uummataa olaanaadha jedhan.
Mootummaan hawwaasa waliin dhiheenyaan hojechaa jiraachuu himuun mariin biyyaalessaaf qophiin taasifamaa jiru kanaaf mul’istuudha.
Marii irratti hirmaachuun egeree biyyaaf bu’uura kan kaa’u waan ta’eef hirmaannaa keenya haa cimsinus jedhan.
Finfinneen hojiilee misoomaa danuu hojjechaa jirti kan jedhan aadde Innaatalem hojiilee hojjetaman itti fufsiisuun gahee uumataatis jedhaniiru.
Itsagannat Damisseetu gabaase