Akkadaamiin Poolisii Finfinnee poolisoota idilee marsaa 29ffaaf leenji’an bakka kantiibaan Adaanech Abeebee argamanitti eebbisaa jira

AMN – Amajjii 3/2017

Akkadaamiin Poolisii Magaalaa Finfinnee poolisoota idilee marsaa 29ffaaf leenji’an 874 bakka kantiibaan Adaanech Abeebee itti argamanitti eebbisaa jiraachuun beekkamera.

Sirna kanarratti kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa, Komishinarri Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Finfinnee Geetuu Argaawu fi keessummoonni affeeramanis argamaniiru.

‎Sirna eebbaarratti kan argaman Kantiiban Adaanech Abeebee, Yakka walxaxaa Magaalaa kanaa keessatti muudatu hir’isuufi saaxiluuf humnaafi dandeetti qaamolee nageenyaa cimsuun murteessadha jedhaniiru.

‎Kanaaf ammoo Bulchiinsi Magaalichaa xiyyeeffannoon ni hojjatas jedhaniiru.

‎Eebbifamtoonnis nageenya Magaalaa Finfinnee eegsisuun dabalata Misooma Magaalaatti keessatti hirmaachuun ga’ee keenya duraati jedhaniiru.

‎Guddataa Ajjamaa akka gabaasetti

All reactions:

1515

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply