Hidhi haaromsaa sa’aatii tokko keessatti anniisa Giigaa Waatii kuma 6fi 456 maddisiiseera.

You are currently viewing Hidhi haaromsaa sa’aatii tokko keessatti anniisa Giigaa Waatii kuma 6fi 456 maddisiiseera.

AMN- Sadaasa 04/ 2017

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa, bara 2017 kanatti baatiiwwan sadan darbanitti sa’aatii tokko keessatti anniisa Giigaa Waatii kuma 6 fi 456 maddisiisuu Ministeerri Karooraafi Misoomaa beeksiseera.

Ministeera Karooraafi Misoomaatti, dursaan garee Xiinxala Dinagdeefi Imaammataa Obbo Habtaamuu Asfaawu, Kurmaana jalqabaa bara 2017’tti sadarkaa biyyaatti sa’aatii tokko keessatti anniisa Giigaa Waatii kuma 6fi 456 maddisiisuun akka danda’ame himaniiru.

Anniisni sa’aatii tokko keessatti madde kan bara darbe yeroo walfakkaatu waliin yoo madaalamu, inarjii Giigaa Waatii kuma 1fi 706.25’n caalmaa akka qabu himaniiru.

Inarjii sa’aatii tokko keessatti omishame Giigaa Waatii kuma 6 fi 456.65 keessaa inarjiin Giigaa Waatii kuma 4fi 300.58 Tajajila Elektiriikii Itiyoophiyaaf dabarfamuu himan.

Anniisni Giigaa Waatii 305.34 saatii tokko keessatti indaastiiwwan gurguuddoof dabarfamuu himan.

Giddu gala daataaf immoo anniisni Giigaa Waatiin 886.74 dabarfamuu kaasaniiru.

Sarara diriirsuu ilaalchisees kurmaana jalqabaatti sarara Km 437.43 diriirsuun akka danda’ames obbo Habtaamuu Asfaawu himaniiru.

Kurmaana jalqabaa bara 2017’tti hidha haaromsa guddicha laga Abbaayaarraa humni Meegaa Waatii kuma 1fi 443.5 maddeera jedhan. Raawwiin piroojektii hidha haaromsaa harka 97.6 irra gahuu DHPI irraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply