Paartiin Badhaadhinaa leenjii hoggansaa kennuu eegale

You are currently viewing Paartiin Badhaadhinaa leenjii hoggansaa kennuu eegale

AMN Plus’ Onkoloolessa 20/2018

Paartiin Badhaadhinaa leenjii waggaa kan bara 2018 hoggantoota Olaanoof kennuu eegaleera.

Leenjichi mata duree “Ilaalcha mootummaa Ida’amuun milkaa’ina dameelee” jedhuun guyyoota 10’f kan kennamu ta’uun ifoomeera.

Leenjii kanaan dhimmoonni garaagaraa beekumsa, ogummaafi dandeettii hoggansaa ijaaruu danda’an kan dhiyaatan ta’uun eerameera.

Leenjicharratti hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannolee kumni 2 ol kan hirmaatan ta’uus ibsameera.

Leenjii kanaan cinaatti daawwannaa hojiilee misoomaa kan gaggeeffamu ta’uu Paartichi ifoomseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply