Pireezidaanti Saahilawarqi Daayrektara olaanaa Dhaabbataa Godaantota Addunyaa waliin mari’atan

You are currently viewing Pireezidaanti Saahilawarqi Daayrektara olaanaa Dhaabbataa Godaantota Addunyaa waliin mari’atan
  • Post category:Itoophiyaa

AMN Fulbaana 30, 2016:- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen, Daayrektara Olaanaa Dhaabbata Godaatotaa Addunyaa Emmii Pooppi waliin mari’ataniiru.

Emmii Pooppi dawwannaa hojii isaanii Itiyoophiyaatti taasisaniiru.

Daawwannaa isaaniin cinaattis, marii Pireezidaantii Saahilawarqi Zawudee waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uun kaayyoo dhaabbataa isaanii galmaan ga’uu keessatti gumaacha olaanaa kan bahattu ta’uu eeran.

Buqqaatotarrattis daran bal’inaan hojjechuu akka barbaachisus gaafataniiru.

Godaantotaan walqabatees naannawichatti walga’ii ministiroota dhimmichi ilaallatuu keessummeessuuf hojjetamaa jiraachuu akeekaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review