Pireezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un, intala isaanii waliin Chaayinaatti argamu

You are currently viewing Pireezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un, intala isaanii waliin Chaayinaatti argamu

‎AMN PLUS – Hagayya 28/2017

‎ Pireezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un Kabaja guyyaa Bilisummaa Chaayinaa irratti Hirmaachuuf Beejing Seenanii jiru.

‎ Pireezidaantiin kun hiriira waraanaa Chaayinaan qopheessite guddicha irratti akka argaman eegama. Kim Jong Un intala isaan bakka bu’uu akka dandeessu himamaa jiru waliini kan Chaayinaa seenan.

‎ Pireezidaantiin Kooriyaa Kaabaa kun Beejingitti argamuun, gita isaanii Chaayinaa Zhii Shii Piing fi Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin akkasumas hoggantoota biroo waliin mari’atanis haala mijeessaaf jedhameera.

‎ Pireezidaantiin Chaayinaa, Waraana Addunyaa 2ffaa irratti Jaappaaniin inijifachuu isaanii ilaalchisee yaadannoo waggaa 80’ffaa kabajachuuf akka sagantaa kana qopheessan beeksisuu isaanii BBC’n gabaaseera.

‎Hiriirri guddichi Beejing taasiftu gahumsi Ameerikaan morkachuu Chaayinaa akka cime kan agarsiisu akka ta’e ibsameera.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply