Pirezidaantiin Islooveeniyaa Naataash Piirs Muusaar (Dr.) Godambaa Yaadannoo injifannoo Adwaa daawwachuun siidaa goototaa Adwaa jala sirna abaaboo kaa’uu raawwataniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin Pirezidaantiin Islooveeniyaa Naataash Piirs Muusaar (Dr.) Godambaa Yaadannoo injifannoo Adwaa daawwachuun siidaa goototaa Adwaa jala sirna abaaboo kaa’uu raawwachuusaanii ibsan.
Nutis Pirezidaantii Islooveeniyaa Naataash Piirs Muusaar (Dr.) simachuun Godambaa Yaadannoo injifannoo Adwaa daawwachiisneerra jedhan.
Daawwannaa isaaniinis wareegama qaalii gootonni Adwaa bilisummaafi birmadummaa biyyasaaniif kaffalaniifi seenaa gootota Adwaa dinqisiifachuu isaanii Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsaniiru.