Eebbifamoo Abuna Selaamaa dadhabbii addunyaa kana irraa boqotan

You are currently viewing Eebbifamoo Abuna Selaamaa dadhabbii addunyaa kana irraa boqotan

AMN Fulbaana 18, 2016:- Eebbifamoo Abuna Selaamaan har’a addunyaa kanaraa du’aan boqotaniiru.

Eebbifamoo Abunee Selaamaan dhibee isaan mudateen Hospitaalaatti yaalamaa turuun guyyaa har’aa addunyaa kanaraa du’aan boqochuu ragaan Waajjira Hariiroo Ummataa Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Eebbifamoo Abunee Selaamaan Abbaa isaanii Obbo Gabrasillaasee Gabramadinii fi Haadha isaanii Aadde Bizuunash Wandimmuurraa bara 1934 naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetti dhalatan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review