Pirezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin qaamolee kabajni Shawaal Iid milkaa’inaan akka xumuramu taasisan galateeffataniiru.
Kabajni Shawaal lid duudhaasaa karaa eeggateen dammaqinaan kabajamuusaas Pirezidaantiin naannichaa Ordiin Badrii Ibsaniiru.
Ayyaanni kun hambaa idil addunyaa ta’uusaa karaa madaaluu fi duudhaa Itiyoophiyaa bifa mul’isuun milkaa’inaan xumuramuusaa eeran.
Ayyaanni kun dammaqinaan, miidhaginaafi milkaa’inaan akka xumuramu qaamolee gumaacha taasisan keessumaa jiraattota naannichaa, dargaggoota, jaarsolii biyyaa, abbootii amantii, abbootii Gadaa, hooggantootaa fi kanneen biroo maqaa mootummaa naannichaan galateeffataniiru.
Dabalataanis qaamolee nageenyaa fi seera eegisan, garee jilaa naannolee ollaa, miidiyaalee dabalatee tumsa taasisaniif maqaa mootummaa naannichaa fi maqaa isaaniin galateeffanatiiru.
Magaalaa Harar jiddugaleessa tiirizimii gochuuf hojiileen eegalaman ciminaan akka itti fufanis mirkaneessaniiru.