Omisha Bunaa keenya: Istaandardii Gabaa Idil-addunyaaf- Obbo Shimallis Abdiisaa

AMN- Sadaasa 14/ 2017

Naannoon keenya gama tokkoon akka lafa argama bunaatti kan fudhatamu, gama biraatiin amala biyyoofi haala qilleensaa misooma bunaatif mijatu danuu qabaatus, dilbii kana duguugnee fayyadamuun buna gabaa idil-addunyaatti dorgomaa ta’e dhiyeessaa hinturre.

Laafinsi kun, bu’aa qotee bultoonni, hirmaattonni cancala omishaa naannoofi biyyi keenya bunarraa argachuu qaban dhabsiisera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii bara 2011 irraa eegalee inisheetivii bunaa irratti hojjateen, omisha dabaluu irratti milkaa’ina gurguddoo galmeessiseera.

Haata’u malee, hojiin qulqullina bunaa qixa sanaan waan hindeemnef, dorgomummaa omishti bunaa keenya gabaa idil-addunyaa keessatti qabu osoo hinmirkaneessin hafneerra.

Sosochiin fooyya’iinsa oomishtummaafi qulqullina bunaa guyyaa har’aa jalqabes qaawwa kana duchuu irratti kan xiyyeeffatedha.

Dhimmi oomishtummaafi qulqullina bunaa, cancala maasii qotee bulaatii hanga fayyadamtootaa/gabaa jiru sirneessuu kan gaafatuudha.

Galma kana milkeessuuf hojiileen bu’uuraa xiiqiin raawwatamuu qaban nijiru. Isaanis, tokkoffaa, goosoota bunaa amala biyyoofi haala qilleensaa baldhaa qabnu waliin deeman qopheessuu irratti baldhinaan hojjachuudha. Lammaffaa, buna keenya sadarkeessudha.

Haaluma kanaan, qooddattoota sadarkaa akka dhandhama, boca, danaa, mudaafi qulqullinaa Dhaabbata Sadarkeessa Qulqullina Bunaa biratti fudhataman irratti hundaa’uun, omisha keenyaaf fudhatama gabaa idil-addunyaa dabaluudha.

Sadaffaan mala adeemsa omisha bunaa keenya ammayyeessudha. Kunis, malaafi qajeelfama qabiinsa bunaa, funaanuu irraa hanga gabaa giddugaleessaa jiru diriirsuu gaafata. Adeemsi kun, tooftaalee gogsa, daakkiifi kuusa sirrii qulqullina bunaa eegan sirnoomsuu dabalata.

Afraffaa, ittifufiinsafi sirna hordoffii cancala bunaa maasii qotee bulaatii hanga gabaa jiru hammate diriirsuun seeraafi nageenya omishaa mirkaneessuu cinaatti fedhii fayyadamtootaa dabalaa jiru guutuu ilaallata.

Hundaa’ol, dhimmi murteessoon leenjii hubannoofi deeggarsaa dhimma istaandaardii idil-addunyaa irratti qonnaan bultoota, waldaalee hojii gamtaafi qoodafudhattootaf kenninudha.

Sosochii kana sirnoomsuun, dorgomummaa omishti bunaa keenya gabaa idil-addunyaa irratti qabu dabaluun, jiruufi jireenya qonnaan bultoota keenyaa jijjiirufi sharafa alaa argamu guddisuun galma ummata dinagdeen humnoome umuuf qabnu kan utubnu ta’a.

Dhimmi qulqullina bunaa dhimma dinagdee ijoodha.

Galma kaa’anne milkeessuu keessatti, gaheen qonnaan bultootaa, hoggansa sadarkaan jiruu, daldaltootafi qooda fudhattootaa daran olaanadha. Bu’uuruma kanaan, bu’aa hanga yoonaa qulqullina bunaa eeguu dhabuun qisaasa’eef gaabbaa, miira xiiqiitiin waliin haahojjennu jechuun barbaada.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply