Piriimeerliigii Ingilaandiin har’a galgala taphoonni afur ni taasifamu

You are currently viewing Piriimeerliigii Ingilaandiin har’a galgala taphoonni afur ni taasifamu

AMN PLUS, Guraandhala 18, 2017

Torbee 27ffaa Piriimeerliiigii Ingilaandiin har’a taphoonni afur ni gaggeeffama.

Halkan sa’aatii 4:30 irraa kaasee Biraayitan Boornimaawuz waliin, Kiristaal Paalaas Astonviilaa faana, Wolvis Fuulahaam faana morkata.

Edanuma sa’aatii 5:15 irraa kaasee Cheelsiin dirree isaa Istaanfoord Biriij irratti bara kana sadarkaa Pirimeerliigii Ingilaandin 20 ffaa irra kan jiru Saawuzaampitan keessummeessa.

Guyyaa boruu ammoo kilaboonni ciccimoon kan walitti dhufan yoo ta’u, Liivarpuul Niwukaastil waliin Arsenaal Nootingahaam Foorest waliin, akkasuma Maanchistar Siitin Tootinahaam waliin morkiin gaggaggeessan hawwiin eegama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply