Tapha waancaa moo’aa moo’attootaa Awurooppaa bara 2025 har’a geggeeffameen PSG’n raajii Kubbaa Miillaatiin Tootenhaam injifachuun abbaa waancaa ta’e.
Tapha biyya Itaalii Istaadiyeemii Yudiniisee irratti taasifame kanarratti, Miikii Vaan di Ven fi Kiristaan Roomeeroon gooliiwwan lama lakkoofsisuun Tootenhaam haga daqiiqaa 84tti 2-0’n dursaa ture.
Haa ta’u malee PSGn gooliiwwan daqiiqaa 85ffaa fi 94ffaa irratti Lee fi Raamoos irraa argateen 2-2 qixa ta’e.
Rukuttaa adda baastuunis PSG’n goolii 4-3’n injifachuun abbaa waancaa ta’eera.
Seenaasaa keessatti Waancaa Shaampiyoonsiliigii jalqabaa kan milkeesse PSGn mootii Awurooppaa ta’uusaas mirkaneeffateera.
Leenjisaa Luwis Enriikeen taaktikni daqiiqaa xumuraa irratti fayyadaman muddama deeggartootaaf haara galfii ta’e.
Sun Hung Miin gara Amerikaatti kan geggeesse Tootenhaam waancaa dharra’e kana dhabuuf dirqameera.