AMN – Sadaasa 17/ 2017
Kaabineen Nageenyaa Israa’eel waliigaltee dhukaasa dhaabuu Libaanoos raggaasise.
Ministirri Muummee Israa’eel Benjaamiin Neetaaniyaahuunis waliigalticha hojiirra oolchuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Waraanni Israa’eeliifi Hizboollaa gidduu deemaa tureen lammiileen Libaanoos 3750 yoo ajjeefaman miiliyoonni tokkoo ol qe’eesaaniirraa godaananiiru.
Maddi: Rooyitarsi