Pireezdaant Puutiin waraana Yukireen keessatti geggeeffamaa jiru dhaabuuf yoo walii hin galle balaa hamaa fiduu akka malu Pireezidaantiin Ameerikaa, Doonaald Tiraamp akeekkachiisaniiru.
Pirezidaanti Tiraamp balaa dhufu ilaalchisee ibsa bal’aa kennuus baatan, walgahiin Puutiin waliin Alaaskaatti godhamu irraa bu’aan kan hin argamne yoo ta’e qoqqobbiin diinagdee kaa’amuu akka danda’u akeekkachiisaniiru.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gita isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin wal arganii mari’achuutti yoo milkaa’an, pirezidaantii Yukireen Volodimir Zelenskii waliin dafanii wal arganii akka mari’atan dubbatanii jiru.
Mariin marsaa jalqabaa haala gaariin yoo gaggeeffame, marii marsaa lammaffaa dafanii akka gaggeessan Tiraamp gaazexessitootatti himaniiru.
Boru Pirezidaantii Puutiin waliin Alaaskaatti kan wal arguuf jiran Tiraamp mariin lammaffaa yoom gaggeessuuf akka karoorfatan hin ibsine.
Hoggantoonni akkan achitti argamu yoo barbaadan, hatattamaan Puutiin fi Zelenskii waliin walgahii lammataa gochuu akka barbaadan ibsaniiru.
Doonaald Tiraampis, Pireezidaant Puutiin waraana Yukireen keessatti xumuramuuf yoo walii hin galle bu’aan hamaan akka fidu akeekkachiisaniiru.
Tiraamp hoggantoota Awurooppaa fi Pireezidaantii Yuukireen Volodimir Zelenskii waliin bilbilaan marii milkaa’aa taasisuu isaanii himaniiru.
Haa tahu malee,murtoon Puutiin haala marii lammaffaa murteessuu irra darbee, balaa fiduu akka malu xiinxalameera.
Madda: BBC fi RT
Daraartuu Tarreessaatiin,