Puutiin tattaaffii nagaa Tiraamp taasisaa jiran dinqisiifatan

You are currently viewing Puutiin tattaaffii nagaa Tiraamp taasisaa jiran dinqisiifatan

AMN PLUS- Hagayya 8/2017

Vilaadmiir Puutiin tattaaffii dippilomaasii Doonaald Tiraamp Yuukireen keessatti dhukaasa dhaabuuf taasisaa jiran dinqisiifataniiru.

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin boru Alaskaatti pirezidaantii Ameerikaa waliin marii qaban dura haasawa taasisaniin, “bulchiinsi Ameerikaa lolli kun xumura akka argatuuf tattaaffii cimaa taasisaa jira” jedhan.

Yaadni pirezidaantiin Raashiyaa kennan kun Tiraamp marii kana irratti Puutiin dhukaasa dhaabuuf yoo walii hin galle Raashiyaan aarsaa hamaa ni kafalti jedhanii erga akeekkachiisanii guyyaa tokko booda dha.

Mariin kun jalqaba Hoggantoota biyyatti lamaan Puutiin fi Tiraamp gidduutti bakka turjumaanonni isaanii qofti argamnitti kan adeemsifamu yoo ta’u, itti aansuunis jila gidduutti mariin kan itti fufudha jedha gargaaraan Kremliin Yuuri Ushaakoov.

Hoggantoonni lamaan hariiroo dinagdee Raashiyaa fi Ameerikaa irrattis ni mari’atu jedhamee akka eegamu ‘The Telegraph’ gabaaseera.

Tolasaa Mabraateetiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply