Ji’oota 8 itti aanan keessatti Magaalaa Finfinneetti haalota gabaa ittiin tasgabbeessuun dandaa’amu irratti hooggantoota magaalattiifi Koree dhimmicha hoogganuuf hundaa’e waliin mariin taasifame.
Dhiyeessii dabaluufi sirna too’annoo hoji maata badaa sirna daldalaa keessatti mul’atu furu diriirsuun haala gabaa tasgabbeessuun dandaa’amu irratti mari’atameera.
Marii kanarrattis koreen dhimma kana addatti olaantummaan gaggeessu akka magaalichaatti hundeeffame karoora hojii ji’a saddeettan itti aananii kan dhiyeesse yoo tahu karoora kanarratti bakka Kantiibaa itti aanaan magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbaay argamanitti irratti mari’atameera.
Obbo Jaanxiraar Abbaayis waltajjii maree kanarratti akka jedhanitti karoora ”Hir’isuu” mootummaan Federaalaa gadi buuse bu’uura taasifachuun qaala’iinsa gabaa hir’isuuf koreen akka magaalichaatti hojii jalqabuufi qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuuf omishaafi omishtummaa dabaluu, omisha gabaaf barbaachisu bituun dhiyeessuu, hoji maata badaa sirna daldalaa keessatti mul’atu to’achuu, baay’ina gabaa sanbataa 219 irra jiru gara 240tti guddisuu, giddugaloota gabaaf bu’uraalee misoomaa guutuu, omishitoota dabaluufi deeggaruun dhimmoota xiyyeeffannoon kennamuuf qabu akka ta’an himaniiru.
Kanaanis qaala’insa gabaa dijiitii lama dhibbentaa 11.7 irraa gara baaqqee dhibbeentaa 9tti gadi buusuuf ni hojjetamaa jedhan.
Milkaa’ina kanaafis dhaabbileen miseensa koree dhimmicha akka too’atuuf hundeeffamee ta’an qindoominaan hojjechuun irraa eegama jedhaniiru.
Darajjee Bayyanaatu Gabaase