AMN PLUS- Adoolessa 20/2017
Ministirri Ministeera Qonnaa Girmaa Amantee (Dr,) waltajjii kanarratti ergaa dabarsaniin Itoophiyaan hojii oomisha bunaaf xiyyeeffannoo kennitee hojjachaa jirtuun bu’aa olaanaa galmeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaaniis hojii oomishaa bunaa qaama sagantaa ashaaraa magariisaa gochuun waggoottan darban muraasa keessatti biqiltuu bunaa biliyoona 8.5 ol dhaabuus ibsaniiru.
Yeroo ammaatti qonnaan bultoonni 2000 ta’an kallattiin buna gabaa biyya alaaf dhiheessaa jiraachuus ifoomsaniiru.
Itoophiyaan biyya argama Bunaa tahuu kan kaasan Girmaan (Dr.) hundaa olitti oomisha bunaa gabaa addunyaarraa fayyadamtuu ta’uu akka qabdu kaasanii, galmicha milkeessuuf tarsiimoofi Imaammata adda ta’e qabattee hojjachaa turuus kaasaniiru.
Bunni Itoophiyaa gabaa addunyaarratti barbaadamaa ta’uu kan eeran Girmaan (Dr.), oomisha bunaa kanatti sona dabaluu, Kalaqaafi teekinooloojiin deeggaruu, Agroo Industirii oomisha bunaa deegggaran babballisuu, qulqullina irratti xiyyeeffachuufi hojiilee biroorratti hojjachaa jiraachuu himaniiru.

Yaa’ii Sirna Nyaataa 2ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Itoophiyaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuuf Finfinnee kan jiran Barreessituu Itti Aantuun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad (Dr.) waltajjicharratti haasawa taasisaniin, Itoophiyaan Afrikaarraa oomisha bunaafi gabaa alaaf dhiheessuun sadarkaa jalqabaarra jiraachuu ibsanii, caancala gabaa bunaa addunyaa keessatti jijjiiramni hunda qixa fayyadamaa taasisu jiraachuu akka qabu dubbataniiru.
Kana milkeessuuf immoo biyyoonni oomishtoota bunaa ta’an keessattuu kanneen naannawa tokko keessa jiran qindoominaan hojjachuu akka qabaniis dhaamaniiru.
Daayireektara Olaanaan Dhaabbata Nyaata Addunyaa Dongiyuu gamasaaniitiin biyyoonni Laatiin Ameerikaa kan akka Braazil, Hunduraasiifi Elsalvaadoor gabaa bunaa addunyaa duursuu kan danda’an qindoominaan waan hojjataniifi jedhaniiru.

Biyyoonni Afrikaa kanneen akka Itoophiyaa fi Ugaandaa oomisha bunaa baayyinaan gabaa addunyaaf dhiheessaniis muuxannoo kana fudhachuun waliin hojjachuu akka qaban dhaamsa dabarsaniiru.
Pirezidaantii Itti Aantuun Rippaablika Ugaandaa Jaasikaa Aliikoo gamasaaniin, ummata biyyattiif Bunni jireenya tahuu himuun, sadarkaa barbaadamutti biyyattiin gabaa bunaarraa akka fayyadamtuuf hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Waltajjii kana Mootummaa Itoophiyaa, Xaaliyaaniifi qooda fudhattoonni idil addunyaa waloon kan qopheessan ta’uu odeeffanneerra.
Mahaammad Toofiq tu gabaase.