Qabeenya hamma kana osoo qabnuu maaliif hiyyoomne gaaffii jechuuf deebii hin arganne- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Qabeenya hamma kana osoo qabnuu maaliif hiyyoomne gaaffii jechuuf deebii hin arganne- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 10/2018

‎Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) daawwannaa tibbana Naannoo Oromiyaa, Godina Baaleetti taasisaniin booreen itti dhaga’amuu ibsan.

‎Waa’ee qabeenya Itoophiyaan qabduu yoo yaadan, hiyyummaan hamma kadhaa gahu maaliif nutti dhufe jechuun of gaafachuun deebii argachuu dhabuu himan.

‎Addunyaarraa iddoon waan hundaa qabuufi bakka tokkotti waan hundumaa qabate akka hin jirre namoota dhimma kana irratti waliin dubbatan irraa hubachuu kaasuun, faayidaa siyaasaaf jecha osoo hin taane, “Wal nyaachuu irraa bahamee akkamiin biyya dhalootaaf maltu ijaaruun danda’ama” waan jedhu irratti hojjachuun barbaachisaa tahuu eeran.

‎”Qabeenya hangas gahu osoo qabnuu ijoolleen keenya maaliif miila qullaa deemti?” jechuun kan gaafatan Ministirri Muummee.

Waan dhalootaaf tahu jabaatanii hojjachuu irratti dhalootni amma jiru cimee hojjachuun biyya dhaloota dhufuuf mijattuu taate har’a hojjachuu akka qabu dhaamaniiru.

“Haalli keessa jirruufi waan nuuf kenname wal hin gitu” kan jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD), Kuni booree tahee ciminaan hojjachuun biyya fooyyofte dhaloota egereef qopheessuun hojii manaa nama hundaa tahuu akka qabu illee yaadachiisaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply