Qonni Kilaastaraa midhaan Dibataa bara Oomishaa kanatti guddateera- Ministeera Qonnaa

You are currently viewing Qonni Kilaastaraa midhaan Dibataa bara Oomishaa kanatti guddateera- Ministeera Qonnaa

‎AMN PLUS- Fulbaana 21/2018

‎Oomishtummaa midhaan dibataa fi dheedhiif xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ministeerri qonnaa beeksise.

‎Ministeerichatti Hoogganaan Deeskii Misooma Midhaan Dibataa fi Oomishaan Boodaa Obbo Fissahaa Tolasaa qonnaan bultoota midhaan kana oomishan jajjabeessuu fi oomishtummaa dabaluuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

‎Gosoota midhaanii qonnaan bultootni bal’inaan oomishan lafa mijataa adda baasuun kilaastaraan akka hojjatan taasisuu dubbataniiru.

‎Qonni kilaastaraa midhaan dibataa Heektaara Kuma 900 fi Kuma 30 irraa bara oomisha kanaatti gara Heektaara Miiliyoona Tokkoo fi Kuma 700fi Kuma 60’tti guddachuu ibsaniiru.

‎Dhiheesiin sanyii filatamaafi xaa’oo guddachuu kan eeran Obbo Fissahaan, qonnaan bultootaaf leenjiin kennamuus himaniiru.

‎Gama biraan, qonni waliigaltee sadarkaa qajeelfamaatti bahuusaa eeranii, bara oomishaa kanatti qofa naannolee Amaaraa, Oromiyaa fi BeeniShaangul Gumuzitti qonnaan bultootaafi daldaltoota midhaan dibataa oomishanii fi bitan kuma 1 fi 264 jidduutti waliigalteen mallatteeffamuu ibsaniiru.

‎Oomishoota indastirii fi al-ergii tarsiimawaa ta’an adda baasuun ulaagaa gabaan barbaaduun akka oomishaman deeggarsa gochuun qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jira jedhaniiru.

‎Hanqina dhiheessii sanyii filatamaa furuuf hojjatamaa akka jiru ibsuu isaanii TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply