Nyaati ciree ganamaa fayyummaa lafeetiif murteessaa ta’uu qorattoonni beeksisuun gabaafame.
Namni caba lafeen miidhamee ture Folkis jedhamu dhimma kana irratti kibxata darbe qorattootaaf yaada kenneen bu’aan qorannoo kun akka sirrii ta’e mirkaneesseera.
Doktar Hirookii Naakaajimaa dhimma kana irratti qorannoo gaggeessaniin yaroo irra dabarsanii nyaachuun caba lafeef akka nama saaxilu qorannoo yeroo dheeraaf gaggeessaniin bira ga’uu isaanii mirkaneessaniiru.
Dabalataanis, nyaata fayyaaleessummaa hinqabne soorachuun, nyaata gahaa nyaachuu dhabuu fi nyaata yeroo irra dabarsanii nyaachuun fayyaa namaa akka hubu ibsanii jiru.
Dr Naakaajimaan Yunivarsiitii Meedikaalaa Jaappaanitti qorannoo kana yaroo gaggeessan, hedduu isaa seen-duubee namoota caba lafeen miidhamanii jiranii yeroo dheeraa fudhatanii erga dhugoomsanii ta’uu ibsameera.
Ogeessi kun seen-duubee namoota ulaagaa sirna nyaataa eeganii sooratanii irraa qorannoo gaggeessaniin ciree turanii nyaachuu fi nyaata gahaa nyaachuu dhabuun caba lafeef akka nama saaxilu mirkaneessuu isaanii “Health News” gabaaseera.
Daraartuu Tarreessaatiin