AMNAMN PLUS- Fulbaana 6/2018
Barsiisaan ishee waa’eeshee dubbatu yoo dubbatan “Ittiinan Boona” jedhu.
Barsiisanii firii olaanaa kanaaf qaqqabsiisuun isaanii akka danuu isaan gammachiise dubbatan Barsiisaan Fiiziksii Barattuu kanaa Andu’aalam Ayyalaa. Qabxiin kun akkasumaan hin dhufne. Gad teessee qayyabachuun, cimtee hojjachuusheen akka ta’e dhugaa ba’aniiruuf.
Barnootni hamma lubbuutti kan itti aanu, jireenya ishee ta’uullee ibsan. Barsiisaa Andu’aalem ”Jabaattee barachuufi qayyabachuu ishee qofa miti kan qabxii kanaaf ishee qaqqabsiise” jedhanii erga ishee ibsan booda, “Naamusni gaarii isheen daree keessatti akkasumas dareen alatti mul’iftu, badhaasa ishee addaati” jechuun itti dabalu.
”Qabxii akkasii galmeessuun isheef haaraa miti, kan maluufis” jechuun tattaaffii ishee kan madaalu ta’uu ibsan.
”Yeroo mara barsiisaaf sirriitti dhaggeeffatti, deebii sirrii deebisti, ni qayyabatti, ofitti amanamummaa guddaa qabdi” jechuun kan dubbatan barsiisaan kun, barattoota biroof beekumsa ishee qooduuf carraaqqii taasisaa turteenis galateeffataniiru.
Barattuun akka biyyaatti qormaata kutaa 12ffaa kana shamarran keessaa qabxii 579 fiduun 1ffaa taate Haayimaanot Yohaannis, firii kana galmeessisuuf qayyabachuun ishee qofti gahaa akkan taane ibsiteetti. Qormaatilee waggoota darban keessa baafaman ilaaluun akka waliin madaaltuufi keessattis of madaalaa turte himteetti.
Barsiisaan daree keessatti kan barsiisu haalaan hordofuurra darbee galtees akka manatti tooftaan qayyabattu dubbattee jirti. Haayimaanot daa’immummaa isheetii eegalee barattuu qaxalee akka taate himuun, hamma Kutaa 12’ffaatti qabxii olaanaa fiduun 1ffaa ba’aa akka dhufte himteetti.
Barattootni biroo mala qayyabannaa “na baasa” jedhan irratti fuuleffachuun dubbisuu akka qaban yaadachiisuun, inni guddaan garuu yeroo isaaniitti haalaan dhimma ba’uu akka qaban yaadachiisteetti.
Gara fuulduraatti Niiroosaayinsistii (Qorattuu sirna narvii) ta’uun maatii, hawaasaafi biyya ishee tajaajiluuf fedhii akka qabdu ibsiteetti. Barattuu Mana Barumsaa Finfinneetti argamu, Bisraata Gabri’eelirraa qabxii olaanaa galmeessiste kanaan milkaa’i jenneerra.
Malkaamuu Abbabaatiin