‎Raashiyaan WhatsApp fi Telegram irra daangaa keesse

You are currently viewing ‎Raashiyaan WhatsApp fi Telegram irra daangaa keesse

AMN PLUS- Hagayya 08/2017

Raashiyaan ergaa WhatsApp fi Telegram bilbila sagaleen taasifamu irratti daangaa kaa’uu ishee beeksiste.

Kunis tarkaanfii Moskoo yeroo dhiyoo as to’annoo interneetii irratti taasisaa jirtu cimsuuf akka ta’e himameera.

Daangaan kun fayyadamtoota WhatsApp ji’atti tilmaamaan miliyoona 96 itti fayyadamanii fi fayyadamtoota Telegramii miliyoona 89 ol irratti dhiibbaa akka uumu tajaajilli miidiyaa biyyattii Mediascope ibseera.

Tarkaanfiin kun yakka ittisuuf akka ta’e To’ataan Miidiyaa fi Interneetii Raashiyaa Roskomnadzor ibsa kaleessa kenneen beeksiseera.

Akka qaamoleen seera kabachiisan jedhanii fi iyyannoo hedduun lammiilee irraa dhiyaateen, ergamtoonni biyya alaa Telegram fi WhatsApp fayyadamuun maallaqa gowwoomsuu fi saamuuf, akkasumas lammiilee Raashiyaa dhoksaadhaan sochii shororkeessummaa keessatti hirmaachisuuf itti fayyadaman jechuun akaakkachiisera.

Erga bara 2022 Raashiyaan Yuukireen irratti duula jalqabdee as Mooskoon interneetii irratti to’annoo taasisaa kan turte yoo ta’u sababiin isaas Yukireen Raashiyaa keessatti namoota bobbaasuun gocha shororkeessummaaf Telegram akka fayyadamtu himameera.

Tolasaa Mabraateetiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply