Volkaanoon baha fagoo Raashiyaatti waggoota 500 booda yeroo jalqabaaf dhohuun isaa gabaasame.
Dhohinsi volkaanoo kun kan mudate torbee darbe keessa yoo ta’u kirkira lafaa guddaa mudateen walqabatee kan uumame ta’uu akka malu ogeeyyiin ibsaa jiru.
Volkaanoon “Krasnodar Krai Kamchatka” keessatti dhohe kun halkan tokkotti aarri isaa hamma kiiloo meetira jahaa tahu lafa keessaa bahee akka mul’atellee beekameera.
Ministeerri Balaa Tasaa Raashiyaa naannoo uummanni itti baay’atu irratti balaan akka hin mudanne beeksiseera.
Kirkirri lafaa kun odola sadii irratti Sunaamiin mudachuu akka malu kan akeekkachiise ta’uullee BBC’n gabaaseera.
Taateen kun kirkira lafaa torban darbe naannoodhuma kanatti mudateen walqabatee kan uumame tahuu mala jedhameera.
Kirkirri lafaa biraa Faransaay, Poolineeshiyaa fi Chiiliitti Suunamiin uumamuu akka malu kan akeekkachiise tahuus himameera.
Balaan uumamaa kun namoota miliyoonaan lakkaa’aman naannoo jireenyaa isaanii irraa kan buqqise tahuus gabaasameera.